Fana: At a Speed of Life!

Asallaatti biifaan keemikaala farra ilbiisota dhibee qaqqabsiisanii raawwatame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Asallaatti biifaan keemikaala farra ilbiisota dhibee qaqqabsiisanii raawwatame.
 
Bulchiinsi magaalichaa vaayrasii koroonaa ittisuuf biifaa keemikaalichaa har’a ganama raawwateera.
 
Kantiibaan magaalaa Asallaa obbo Gabree Urgeessoon jiraattonni magaalichaa vaayrasii koroonaarraa akka of eegan, qajeelfamootaa fi gorsa ogeeyyiin fayyaa fi mootummaan laatu akka hordofan dhaamaniiru.
 
Keemikaalichi daandii asfaaltii guddicha magaalaa Asallaa qaxxaamuree darbuu fi daandii Nadhii Gammadaatii hanga addabaaba’ii Siinqeetti biifameera.
 
Magaalaa Finfinnee, Adaamaa, Harar, Dirree Dawaattis biifaan keemikaalaa walfakkaataan raawwatamuun ni yaadatama.
 
 
Jamaal Gandootu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.