Fana: At a Speed of Life!

Ashaaraa magariisaa baranaatin biqiltuu biiliyoonni 4.1 dhaabamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) –Ashaaraa magariisaa baranaatin biqiltuu biiliyoonni 4.1 dhaabamuun ibsame.

Barana biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoora qabame keessaa amma ammaatti biqiltuu biiliyoonni 4.1 dhaabamuu Ministeerri Qonnaa ibseera.

Ministirri Ministeera Qonnaa FDRI obbo Umar Huseen har’a muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif gabaasa dhiyeessaniin akka beeksisanitti, dhaabbii biqiltuu baranaatin amma ammaa %83 milkaa’uu ibsaniiru.

Sagantaa kanaan naannoon Kibbaa fi Beenishaanguul Guumz karooraa ol milkessuutu ibsame.

Yeroo hafetti karoora bahe milkeessuuf kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gama isaanitiin milkiiin Hidha Haaromsaarratti galmaa’e, ashaaraa magariisaarratti dabalamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbiin biqiltuu carraa hojii uumuu waliin walqabachuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.