Fana: At a Speed of Life!

Atileet Siifan Hasan irra deebiin rikkardii haaraa galmeessite

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC)- Atileet Siifan Hasan irra deebiin riikardii haaraa galmeessitetti.

Atileet Siifan Hasan fiigicha meetira 1500’n Filooreensitti gaggeeffameen daqiiqaa 3 Seekoondii 53 fi maaykiroo 63 xumuruun rikkardii haaraa galmeessifte.

Atileetittiin Dilbata darbee riikardii meetira kuma 10 atileet Almaaz Ayyanaatiin waggoota 5f qabame ture cabsuun ishee ni yadatama.

Riikkardii meetira kuma 10 daqiiqaa 29 seekoondii 6 fi maaykiroo seekoondii 82 Siifan Hasaniin qabamee ture ammo dorgommii Kibtaxata darbee Neezarlaand Heengoolootti gaggeeffameen Lattasanbat Daqiiqaa 29 seekoondii 1 fi maaykiroo seekoondii 3 fooyyeessuun sa’aatii ariifataa addunyaa haaraa galmeessuu dandeesseerti.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.