Fana: At a Speed of Life!

Atileet Taayyee Girmaan dorgommii kamirraayyuu waggaa 5fi baatii 4’f dhorkame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Atileet Taayyee Girmaa qoricha  si’eessituu qaamaa fudhachuusaatiin gosa dorgommii ispoortii   kamirraayyuu waggaa 5fi baatii 4’f dhorkamuu Abbaan Taayitaa Farra Sieessituu Ityoophiyaa beeksise.

Bu’aan atileetichi baatii Bitootessaa 28, 2013 irraa eegalee galmeessise akka haqamaniifi badhaasonni argate akka deebifaman murtoo dabarsuu abbaan taayitichaa eereera.

Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Ityoophiyaa 50ffaa Bitootessa 28, 2013 gaggeeffameefi dorgommii fiigicha kiilomeetira 10 Xaaliyaanii magaalaa Teeleesee Teermeetti adeemsifameerratti atileetichi qoricha si’eessituu qaamaa ‘Erythropoietin’ jedhamu fayyadamuu qorannoon bira gahamuu eeramuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.