Fana: At a Speed of Life!

Atleet Daawwiit Siyyuum fiigicha fageenya Km 5 riikkardii haaraa galmeessite

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) –Fiigicha fageenya Km 5 Faransaay magaalaa liilitti gaggeeffameen Atleet Daawwiit Siyyuum riikkardii haaraa galmeessiteerti.

Figicha walmakaa gaggeeffame kanaan Atleet Daawwiiti Siyyuum fageenyicha daqiiqaa 14:41 xumuruun riikkardii haaraa galmeessiteerti.

Atleet Maskaram Maammoon ammoo daqiiqaa 14:55 sadarkaa 2ffaan xumurteerti.

Dorgommii fageenyichaan dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atleet Barrihuun Aragaawwii daqiiqaa 12:52 1ffaan yoo xumuru, Alteet Yaasiin Hajiin daqiiqaa 13:29n sadarkaa 3ffaan xumureera.

Fiigicha fageenya Km 10n dhiirota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Cimdeessaa Dabalee daqiiqaa 27:16 sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, Atleet Maammoo Addaladilaw daqiiqaa 27:27n sadarkaa 3ffaan xumurureera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.