Fana: At a Speed of Life!

Atleet Dhibbaalaa Taaddasaa Bachoo boqate

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Atleet Dhibbaalaa Taaddasaa Bachoo Addaamuu umriisaa waggaa 55ffaatti boqachuun, kaleessa sirni awwaalchaasaa raawwatameera.
 
Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa akka beeksisetti sirni awwaalcha atleetichaa kaleessaa magaalaa Finfinnee Kolfee Qaraaniyoo bataskaana Madihaane’aalamiitti raawwatameera.
 
Bara 1984 eegalee dorgommiiwwan biyya keessaa, aardii fi idil addunyaarratti hirmaachuun maqaa biyyasaa dhoofsisaa tureera.
 
Fageenya dheeradhaan Humna Qilleensaa fi Ityoophiyaa bakka bu’uudhan hojii boonsaa hojjechaa tureera.
 
Rakkoo fayyaa isa qunnameen deeggarsa yaalaa argachaa turus Caamsaa 5,2012 boqateera.
 
Atleetichi warroomee abbaa ijoollee 4; dhiira 1 fi dubartoota 3 ture.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.