Fana: At a Speed of Life!

Atleet Lattasanbat Giday Meetira kuma 10 Riikkardii Addunyaa haaraa galmeessite

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Atleet Lattasanbat Giday dorgommii fiigicha meetira kuma 10 Riikkardii addunyaa haaraa galmeessite.
Riikkardii haaraa guyyaa sadi dura Siifan Hasaniin qabamee ture Lattasanbat fooyyeessiteerti.
Riikkardii meetira kuma 10 daqiiqaa 29 seekoondii 6 fi maaykiroo seekoondii 82 Siifan Hasaniin qabamee ture dorgommii eda galgala Neezarlaand Heengoolootti gaggeeffameen Lattasanbat Daqiiqaa 29 seekoondii 1 fi maaykiroo seekoondii 3 fooyyeessuun sa’aatii ariifataa addunyaa haaraa galmeessuu dandeesseerti.
Atleet Lattasanbat Riikkardii fageenya meetira kuma 5 addunyaa qabattee jirtu dabalataan Meetira kuma10 kan dhuunfaa ishee taasiisuu dandeesseerti.
Kanaanis addunyaarratti Atleet Ingiriid Kiriistasanitti aantee ishee jalqabaa taateerti.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.