Fana: At a Speed of Life!

Atleetii sodaa Vaayrasii koroonaaf shaakkala mana keessaatti taasise

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) –Chaayinaa bulchiinsa Wuuhaanii kan ka’e vaayrasiin koroonaa sodaa idil addunyaa erga ta’e oolee buleera.

Tamsa’ina vaayrasichaan walqabatee Chaayinaarraa oduun dhaga’amee dubbii ijoo ta’eera.

Lammiin Chaayinaa dorgomaa maaraatoonii ta’e, vaayrasicha sodaachuun dorgommii dhufuuf shaakkalaa mana keessaatti taasisuun isaa qaamoolee hedduuf dubbii ijoo ta’eera.

Atleetiin kun guyyoota hedduuf mana isaa keessaa akka gadi hin baane dubbateera.

Sababni isaa ammoo vaayrasii koroonaa ta’uu himeera.

Atleet Paan mana jireenya isaa appartaamaa keessaatti shaakkala taasisuun haga ammaatti kiilo meetira 50 fiiguu isaa himameera.

Atleetichi fageenya kiilo meetira 50 sa’atii 4:48: 44n xumuruu isaatu ibsame.

Wayita shaakkallii taasisuus namoota ollaa haala hin jeeqneen taasisaa jira jedhe.

Madii:- Odiitii Seentiraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.