Fana: At a Speed of Life!

Atleetiin Keeniyaa qorattoota qorichoota si’eessan jalaa fiigee miliqe

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Atleetiin beekkamaa Keeniyaa keessaa aanga’oota farra qorichoota humna si’eessanii kaampii shaakalaa turetti wayita argu fiigee jalaa miliqe.

Gareen farra qorichoota humna si’eessanii kun kaampii shaakallii Kaapsaabeet, Keeniyaa Lixaatti argamutti otoo hin beeksisin argaman.

Wayita eenyummaa jaraa baruu, atileetiin kun foddaa keessaa utaaluun, dallaa utaalee miliqe.

Anga’aan Atileetiksii Keeniyaa Barnaabaa Korir, taateen kun mudachuusaa amanuun, eenyummaa atileetii kana garuu ifa hin goone.

Waggoota jahan dabranitti, atileetonni Keeniyaa 60 tahan, seera farra qorrichoota si’eessanii daddarbuun dhorkamaniiru.

Maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.