Fana: At a Speed of Life!

Atleetonni Ityoophiyaa dorgommii idil addunyaa Sanbataa fi Dilbata gaggeeffameen qabxii boonsaa galmeessisan

Finfinnee, Amajjii 11, 2012 (FBC) – Atleetonni Ityoophiyaa dorgommii idil addunyaa Sanbataa fi Dilbata gaggeeffameen qabxii boonsaa galmeessisaniiru.

Waldorgommii maraatoonii Muumbaay Indiyaatti gaggeeffaameen dhiirootan Atleet Daraaraa Hurrisaa fageenya sa’aatii 2:08:09 dorgommicha yoo injifatu Atleet Ayalee Abshiroo fi Atleet Biraanuu Tashoomee sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

Dorgommicha dubartootaan Atleet Amamee Bariisoo dorgommicha fageenya sa’aatii 2:24:51 sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu, Atleet Haaven Hayluu sadarkaa 3ffaan xumurteetti.

Waldorgommii maratoonii Hawustoon Ameerikaatti gaggeeffameen dhirootaan Atleet Kalkilee Woldareegay fageenya sa’aatii 2:08:36 sadarkaa 1ffaan yoo xumuru Atleet Boonsaa Didhaa fageenya sa’aatii 2:10:37 sadarkaa 2ffaan, Atleet Amaanu’eel Meseel ammoo sadarkaa 3ffaan xumureera.

Dorgommicha dubartootaan Atleet Askaalee Maraacii sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu Atleet Biruuktaayit Daggafaa sadarkaa 2ffaan xumurteetti.

Waldorgommii walakkaa maratoonni Hawustoon Ameerikaa dhirootaan Atleet Jamaal Yimaar fageenya daqiiqaa 59:25 1ffaan xumureera.

Waldorgommii maratoonii qaxxaamura biyyaa Itaalikaa, Sevilaa Spaan dhiirootaan  Atleet Taaddasee Warquu fageenya daqiiqaa 27:32 sadarkaa 1ffaan yoo injifatu dubartootaan Atleet Tsahaay Gammachuu fageenya daqiiqaa 29:00 sadarkaa 3ffaan xumurteetti.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.