Fana: At a Speed of Life!

Atleettootaa fi leenjistoota bu’aa galmeessaniif badhaasni laatame

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Atleettootaa fi leenjistoota akka biyyaa fi idil addunyaatti bu’aa galmeessaniif badhaasni laatameera.

Badhasichi shampiyoonaa atleetiksi idil addunyaa 17ffaa, tapha guutuu Afrikaa 12ffaa, shampiyoonaa tekuwaandoo Afrikaa 6ffaa, shampiyoonaa atleetiksi Afrikaa rakkoo dhageetti qaban 1ffaa fi waldorgommii teenis Baha Afrikaa irratti atleettootaa, leenjistootaa fi miseensa garee jilichaa bu’aa galmeessaniif kan laatamedha.

Hoteela Kaappitaalitti kan gaggeeffame sirni beekkamti fi badhaasa laachuu Birrii miiliyoonni 5 baasii ta’uu ragaan komishinii ispoortirra argame ni muldhisa.

Bu’uuruma kanaan shampiyoona idil addunyaan warren warqii fidaniif badhaasa Birrii kuma 80, Meetii warren fidaniif kuma 60 akkasumaas nahaasa kan fidaniif ammoo Birriin kuma 40 laatameeraaf.

Leenjistootaf ammoo kuma 60, kuma 50, fi kuma 40 akkuma duraa duba isaniitti badhaafamaniiru.

Tapha guutuu Afrikaa ammoo warqii kan fidaniif kuma 40, meetii kuma 30 akkasumaas nahaasa kan fidaniif kuma 20 yoo ta’u leenjiiftootaf ammoo kuma 30, kuma 25, fi kuma 20 badhaasni laatameerafi.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.