Fana: At a Speed of Life!

ATM ollaa fayyadamuun Birrii kuma dhibba 5 fi kuma 80 ol kan fudhatte to’atamte

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Yakkaatti kaardii ATM ollaa fayyadamuun Birrii kuma dhibba 5 fi kuma 80 ol kan fudhatte to’atamte.
 
Poolisiin kutaa magaalichaa akka beeksisetti shakkamtuun to’atamtee qorannaan irratti gaggeeffamaa jira.
 
Maallaqichi kan baafame aadde Sannaay Boggaalaa jalaa yoo ta’u, dubartii maallaqa baastee fudhatte waliin hariiroo cimaa qabuuyyu jedhameera.
 
Hariiroo gaarii qabaniinis mana ciisichaa aadde Sannaay seenuun ATM Zaman Baankii lakkoofsa icciitii darbii waliin fudhachuun, Birrii kuma dhibba 5 fi kuma 80 ol baastee fudhatteetti jedha poolisiin buufata naannoo Kootabee.
 
Aadde Sannaay biyya alaa kan jiraatan ta’uu bakka bu’aan isaanii obbo Warquu Laggasaan ibsaniiru.
 
ATM fudhatanis itti fayyadamanii maallaqa baasii taasisanii hin beekani.
 
Yaata’uutii maallaqichi baasii ta’uu isaatin poolisii beeksisaniiru.
 
Poolisiin baankicha waliin hordoffii taasiseen shakkamtuun Yakkaatti qabamtee qorannaan irratti gaggeeffamaa jira.
 
Ummanni walamantaa keessa rakkoo walfakkaataaf akka hin saaxilamne of eeggannaan akka taasifamu poolisiin dhaamera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.