Fana: At a Speed of Life!

Awustiraaliyaan balaa ibidda bosonaa guyyaa har’aa mudateef labsii yeroo ariifachiisaa labsite

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Awustiraaliyaan balaa ibidda bosonaa guyyaa har’aa magaalaa Kaanbiiraa fi naannoo ishee mudate ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsite.

Haalli qilleensaa fi bubbeen cimaan guyyaa hara’aa jiru balichi daraan akka cimu taasisaa jiraachuu aanga’oonni Biyyatti ifoomsaniiru.

Naannoo Kibba magaalaa Kaanbiiraatti yeroo ammaa  lafa Iskuweer meetira 185 irratti qabachuu isaa  aanga’oonni kunneen dubbataniiru.

Magaalaan Kaanbiiraa teessoo paarlaamaa federaalaa biyyattii  fi dhaabbileen mootummaa fi mit mootummaa hedduun keessatti argamaniidha.

Labsiin yeroo ariifachiisaa kun guyyaa har’aa sa’aatii 72f labsamuu isaa ibsameera.

Daandiiwwan cumfamuun dhaabbileen mootummaa, dhuunfaa, Mit- mootummaa fi jiraattoonni naannichaa ibidda kana dhaamsuu irratti akka bobba’aan labsameera.

Haalli qilleensaa kun Viiktooriyaa fi Kibba Niiwuu Weelsitti ibiddi iddoolee 80 olitti akka qabatu taasisee jira jedhame.

Biyyattiitti balaa ibidda bosonaa kanaan erga baatii Fulbaanaa bara Faranjootaa 2019 hanga har’aatti namoonni 33 yoo du’an, bineensoonni biiliyoona 1 ol gubataniiru.

Manneen jireenyaa kumni 2 fi 500  gubachuu fi bosonni lafa hektaara miiliyoona 11.7 irraa barbadaa’uu aanga’oonn kunneen beeksisaniiru.

Haalli hoo’ina biyyatti guyyaa har’aa digirii seentigireedii 40 irra ga’ee jira.

Maddi:- Reuters

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.