Fana: At a Speed of Life!

Awustiraaliyaan talaallii Covid-19 lammiilee isheef tola akka raabsitu beeksifte

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC) –  Awustiraaliyaan talaalliin Covid-19 lama kan yaaliirra jiran yoo milkaaahan, talaalliiwan miiliyoona 85 ofiif qopheeffachuu beeksifte.

Muummee Ministiraa biyyattii Iskoot Moorisan biyyi isaanii waliigalatee bittaa talaallii Covid-19 raawwataniin talaallichi bara Faranjoota 2021 keessa lammiilee biyya isaaniif tolaan akka raabsamu beeksisan.

Ministirri muummee kun gatiin talaalliiwwan bituuf waliigalanii kun Doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 1.24 akka ta’ullee dubbatan.

Lammiileen Awustiraaliyaa miiliyoona 25 ta’an Amajjii dhufurraa talaallii kana argatu kan jedhan Moorisan, yeroo jedhametti ta’uu dhabus akka danda’u dubbatan.

Dabaree talaallii Covid-19 argachuu qabamaa jiru keessatti biyyi isaanii adda duree ta’uu fi ogeeyyiin fayyaa isaanii talaallichi haa kennamu murtee jedhu yeroo dabarsanitti kennamuu akka eegalullee dubbatan.

Talaalliiwwan lama biyyittiin bituuf waliigalte kun tokko achuma biyyattii keessatti Yuunivarsiitii Queensland and CS keessatti kan yaalamaa jiru yogguu tahu, kan biraan ammoo Yuunayitid Kingidaam Yuunivarsiitii Oxford keessatti isa yaalirra jirudha.

Dhaabbatni Koorporeeshinii Biroodkaastiingii Awustiraaliyaa akka gabaasetti talaalliin dooziin miiliyoona 33.8 Oxford irraa, kan hafe miiliyoona 51 kan ta’u ammoo Yunivarsiitii Queensland irraa bitaman.

Biyyattiin talaallii kanaan lammiilee ishee harka 95% biraan gahuuf karoorfatte.

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa talaalli kana biyoota ollaa isaani kan Paasifikii fi Kibba Baha Eshiyaanis gahuuf akka hojjetanillee ibsan.

Biyyootni addunyaa talaalii dhibee Covid-19 dursanii argachuuf dorgomuutti kan jiran yoo ta’u, biyyootni hiyyeeyyiin maallaqa hin qabne kana keessa miidhamu yaaddoon jedhu jira.

Adoolessa keessa biyyootni addunyaa 165 ta’an deeggarsa gochuun talaallichi biyyoota hiyyeyyiis akka qaqqabu waliigaluu Dhaabbatni Fayyaa Addunya (WHO) beeksiseera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.