Fana: At a Speed of Life!

Awutobisoonni geejiba qaxxaamura naannoo magaalicha keessatti argaman tajaajila geejjibaa akka laataniif waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) –  Bulchiinsi magaalaa Finfinnee awutobisoonni geejiba qaxxaamura naannoo magaalicha keessatti argaman tajaajila geejjibaa akka laataniif waamicha dhiyeesse.

 

Weerara vaayrasi koroonaa ittisuuf Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qajeelfama geejjibarratti murtoowwan fooyya’insa dabarserratti kana kan beeksise.

Murtichaan walqabatee dhiyeessi geejjibaa ga’aan akka jiraatuuf magaalicha keessatti kan argaman abbootiin qabeenya awutobisoota geejiba qaxxaamura naannoo hirmaachisuun barbaachisaa ta’ee argamuun ragaa waajjirii kantiibaa baase ni muldhisa.

 

Abbootiin qabeenyaa fedhii qaban hundi Abbaa Taayita Geejiba Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti qaamaan dhiyaachuun gabaasaa akka taasisanii fi bobbii fudhatanii gara hojiitti akka galan waamicha dhiyeesseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.