Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Iid Al faxirii sababeeffachuun boru ganama Madfiin si’a sagal ni dhukaafama jedhame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) –Ayyaana Iid Al faxirii waggaa 1442ffaa guyyaa boruu kabajamu sababeeffachuun ganama 12:00 irratti Madfiin si’a sagal kan dhukaafamu ta’uu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiiseera.
Ayyaana Iid Al faxirii waggaa 1442ffaa guyyaa boruu kabajamu caalmaatti miidhagsuuf ganama 12:00 irratti Madfiin yeroo sagal kan dhukaafamu ta’uu isaan hawaasni fi qaamni dhimmi ilaallatu akka hubatu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee ergaa dabarseera.
Komishinichi hordoftoota amantaa Islaamaa maraaf ergaa baga geessanii dabarseera.
Ayyaanni Iid Al faxirii waggaa 1442ffaan guyyaa boruu guutuu addunyaatti ni kabajama.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.