Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa guutuu biyyaatti haala ho’aa ta’een kabajamee darbe-  TKM

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Ayyaanni Cuuphaa guutuu Ityoophiyaatti i haala ho’aan kabajamee darbuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Duudhaaleen amantaa, aadaa fi hawaasummaa ayyaanicharratti mul’atan tokkummaa Ityoophiyaanotaa baroota dheeraaf ture addunyaatti kan mul’ise ta’uu ibsameera.

Qaamolee nageenyaa fi hawaasaa ayyaanichi guutummaa biyyattiitti karaa nagaan akka kabajamuuf ga’ee ba’ataniif mootummaan galateeffachuu eerameera.

Shirri qaamileen garaagaraa ayyaanichi karaa jaalalaa, tokkummaa sabdaneessummaa fi nagaan akka hin kabajamneef xaxan qindoomina qaamolee nageenyaa fi hawaasaan fashalaa’uu ibsameera.

Ityoophiyaan taateewwan gurguddoo idil addunyaa keessummeessuuf akka jirtu, taateewwan kunneen akka hin milkoofnee fi maqaa gaarii Ityoophiyaa balleessuuf qamoleen barbaadan ayyaanicha jeequun kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf yaalanis kan hin milkoofneef ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota garaagaraarraa dhufan ayyaanicharratti qooda fudhachuun ayyaanicha ho’isuu eerameera.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana hafuuraa ta’uusaarra darbee Ityoophiyaanotaaf bakka itti hariiroo walii cimsan, hawwata tuurizimii, fi Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuuf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsameera.

Kanarraa ka’uun qophii gama maraa ayyaanicha dursee taasifameen abbootiin amantaa, hoggantoonni bulchiinsa naannolee garaagaraa, qaamoleen nageenyaa fi dargaggoonni waliin hojjechuun ayyaanichi irra jireessaan nagaan jalqabee akka xumuramu taasisuun danda’amuu eerameera.

Ayyaanichi guutuu Ityoophiyaatti haala ho’aa ta’eenii fi karaa nagaan kabajamus rakkoo Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo fi daangaa magaalaa Buraayyuu naannoo bataskaana Weybilaa Maariyaamitti uumameen ayyaanichi danqamuu, miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu fi lubbuun darbuu ibsameera.

Ayyaanichi haala barbaachisuun kabajamuu dhabuu, lubbuu namaa baduu fi miidhaa qaamaa qaqqabeef mootummaan gadda itti dhaga’ame ibsuu ibsameera.

Mootummaan taatee bakkichatti uumame qulqulleessuun qaamolee rakkicha uuman seeratti kan dhiyeessu ta’uu eerameera.

Yaaliin Waggoota dheeraaf calaqqee Ityoophiyummaa fi agarsiistuu hariiroo hawaasummaa cimaa  ta’an kanneen akka ayyaana cuuphaa balleessuuf taasifamu kamuu qindoomina Ityoophiyaanota hundaa kan fashalaa’u ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.