Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Faasikaa wayita kabajamu lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilaman gargaaruun barbaachisaadha – hoggantoota amantaalee

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Ayyaanni Faasikaa wayita kabajamu lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilaman gargaaruun barbaachisaa ta’uu hoggantoonni amantaa ibsan.
Paatiraayaarikiin mana amantaa Ortodoksii Abunee Maatiyaas, Phaaphaasiin Mana Amantaa Kaatoolikii Kaardiinaan Birihaanayasuus Suuraafeelii fi Barreessaan Mana Maree Hordoftoota manneen amantaa wangeeloota Ityoophiyaa Lubni Darajjee Jambaruu ayyaana Faasikaa Dilbata dhufu kabajamu sababeeffachuun hordoftoota amantaa Kiristiyaanaaf erga baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaannichi ayyaanaa gammachuu, Badhaadhinaa, jaalalaa fi fayyaa akka ta’u hawwaniiru.
Hawaasni Kiristiyaanaa ayyaana kana wayita kabaju lammiilee sababoota garaagaraan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun rakkoof saaxilamaniif deeggarsa barbaasu akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Dabalataan qaljeelfamoota weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf ba’e hojiitti hiikuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ayyaanni Hiikaa/ Du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos Dilbata dhufu hordoftoota amantaa Kiristiyaanaan ni kabajama.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.