Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Fannoo guutuu Ityoophiyaatti kabajame

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Ayyaanni Fannoo hordoftoota amantaa Kiristiyaanaan guutuu Ityoophiyaatti sirnoota garaagaraa kabajamuu ibsame.

Ayyaannichi Hordoftoota amantichaan Kadhannaa fi sagadaan kabajameera.

Hordoftoonni amantaa Ortodoksii, Kaatoolikii fi manneen amantaa Gamtaa Hordoftoota Wangeelaa sirnoota garaagaraan ayyaana yaadannoo Fannoo Iyyasuus Kiristoos kabajaniiru.

Hordoftoonni kunneen Iyyasuus Kiristoos dhala namaa cubbuurraa fayyisuuf wareegama Fannoorratti Fannifamuun taasiise yaadachuuf barnoota Afuuraa, Kadhannaa fi sagadaan yaadaniiru.

Ayyaanni kun guutuu addunyaatti hordoftoota amantichaan sirna hoo’an kabajamaa jiraachuu himameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.