Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni irreechaa duudhaa isaa eegee kabajamuu qaba-Abbootii Gadaa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Ayyaanni irreechaa nagaan, waliin ta’uun, tokkummaa Ityoophiyaa fi duudhaa isaa eegee kabajamuu qaba jechuun Abbootiin Gadaa waamicha dhiyeessan.

Abbaa Gadaa Tuulamaa fi Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Goobana Hoolaa fi Walitti Qabaan Gamtichaa fi Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Mandhoo irreecha bara 2015 ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Irreechaa yeroo lama kan kabajamu yoo ta’u rakkina keessaa gara abdiitti, dukkana keessa gara ifaatti ce’uu ilaalchisee sirna galateeffannaa uumaa ta’uu Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa ibsaniiru.

Irreechi kan nagaa, jaalalaa, tokkummaa fi ibsama gochaa gaarii ta’uu kan himan Abbaa Gadaa Gujii Jiloo Mandhoo duudhaa isaa eeggatee kabajamuu qaba jedhan.

Irreechi calaqqee Sirna Gadaa ta’uu bira darbee hambaa Ityoophiyaanotaa fi addunyaa ta’uu eeruun ayyaanicharratti lammiileen biyya keessaa fi alaa hedduun waan argamaniif, ummanni ayyaanicha nageenyaa fi waliin ta’uun akka kabaju waamicha dhiyeessaniiru.

Ummanni wayiita gara malkaa irreeffannaa bu’uu coqorsa jiidhaa qabachuun, uffannaa addaan miidhagee, faaruu galateeffannaa faarfachaa kabajuu akka qabu akeekaniiru.

Ayyaanicharrattis, wantoota ergaa siyaasaa calaqqisan qabatanii argamuun gonkumaa dhorkaa ta’uu eeranii, ergaawwan tokkummaa faalleessan bu’uura Sirna Gadaatiin kan balaaleeffatame ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanichi duudhaa Ityoophiyaa ta’uu eeruun, kana caalmaan ifa baasuuf, hirmaattota ayyaanichaa fi keessummootaaf tajaajila barbaachisaa kennuun, ibsituu galateeffannaa fi waliin jireenyaa ta’uu qabatamaan argisiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.