Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Qillee Bara 2013 nagaan akka kabajamuuf qophii hunda xumuruu Komishiiniin Poolisii Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Ayyaanni Qillee Bara 2013 nagaan akka kabajamuuf qophii hunda xumuruu Komishiiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
Ayyaanni Qillee Ayyaanoota Ummataa Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti sirna hoo’aadhaan kabajamu keessaa isa tokko.
Komishiiniin Poolisii Oromiyaas Ayyaanni kun rakkoo nageenyaa malee karaa nagaan akka kabajamuuf qophii barbaachisaa hunda xumuree jira.
Miseensotni Poolisii Oromiyaas Ummatni Ayyaanicha nagaan akka kajatuu fi balaa tiraafikaatiif akka hin saaxilamne qophii hunda xumuruun hojii keessa galanii jiru.
Uummatni Ayyaana kana kabajatuus balaawwan tasa Uumamuu danda’an balaa Abiddaa fi Balaa Konkolaataa, akkaasumas dhugaatii daangaa hinqabneen balaa dhufuu danda’u irra dursanii of eggachuun Ayyaana kana kabajachuun barbaachisaadha.
Keessattuu Nyaata Mana keessatti bilcheefamuun walqabatee balaa abiddaa humna ibsaa fi qoraan irraa gahuu danda’u irraa Ummatni dursee of eeggannoo cimaa gochuunis dhimma murteessaadha.
Ummatnis waanti addaa yeroo isa quunname Waajjira Poolisii dhiyeenyatti agamuuf eeruu fi odeeffannoo kennuun Hirmaannaa hojii nageenyaa keessatti qabu bahuun kan irraa eegamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.