Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni sabaa fi sablammootaa 15ffaan magaalaa Finfinneetti kabajame

Finfinnee, Sadaasa 20, 2013 (FBC)- Ayyaanni sabaa fi sablammootaa 15ffaan magaalaa Finfinneetti kabajameera.

Ayyaanicha itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, preezdaantii naannoo Sumaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo sabaa fi sablammoonni Ityoophiyaa imalaa lafoo taasisaniiru.

Imallii lafoo taasisaan Ministeera raayyaa ittisa biyyaa daandii Charchar hanga Mana Qopheessaatti ta’uu beekameera.

Ayyaanicharratti hirmaachuuf bakka buutonni sabaa fi sabalammoota garagaraa hirmaachuus ibsameera.

Akkasumaas magaalaa Finfinneetti raayyaan ittisa biyyaa injiffanoo gonfateen sagantaa gammachuu ibsaachuu gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.