Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanoota ummataa kabajamanirratti tuuristoonni gara Ityoophiyaa dhufuurraa akka of hin qusanne waamichi dhiyaate

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) –Ayyaanoota ummataa kabajamanirratti tuuristoonni gara Ityoophiyaa dhufuurraa akka of hin qusanne waamichi dhiyaateera.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ityoophiyaa hojiilee dippilomaasiin hojjetamanirratti ibsa kenneera.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa,tibbanas gama dippilomaasiitiin hojiilee bal’aan hojjetamanin milkaa’inni argameera jedhaan.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaas yeroo biyyoonni tokko tokko lammileen isaanii Ityoophiyaadhaa akka ba’an ajajaa jiranitti Ityoophiyaa daawwachuun hiikaa olaanaa kan qabuu fi Chaayinaan michuu Ityoophiyaa jabduu ta’uu kan itti mul’ateedha jedhaniiru.

Kana malees koonfiraansii Seneegaal Daakaaritti geggeffamerratti haala qabatamaa Ityoophiyaa hubachiisuuf tattaaffiin taasifamu kaasaniiru.

Ammayyu Imbaasiiwwan tokko tokko Ityoophiyaan akka nagaa hin taaneetti ibsa baasanis Ityoophiyaan nagaa ta’uu ibsaaniiru.

Ibsi doggoggoraa baasanis fudhatama kan hinqabneedha jedhaniiru.

Ayyaanonni ummataa fuulduratti kabajamuuf jiranis yeroo Ityoophiyaan diinotarratti injifannoo galmeessaa jirtu waan ta’eef, tuuristoonni sodaa tokko malees gara Ityoophiyaa dhufuun akka daawwatan waamicha dhiyeessaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.