Fana: At a Speed of Life!

Baaleetti Inisheetivii kilaastara Avokaadoorratti xiyyeeffannoon hojjatamaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti fayyadamummaa Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee Bultootaa mirkaneessuuf Inisheetivii kilaastara Avokaadoorratti xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Jilli Bulchaa Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyiitiin durfamu Inisheetivii Buufata Kilaastara Avokaadoo aanaa Barbaree daawwateera.
Aanaa Barbareetti lafa hektaara 21 Avookaadoo kilaastaraan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Aliyyii Muhaammad barana aanaalee godinichaa 5 keessatti biqiltuun Avokaadoo sanyii fooyya’aa kuma 7fi 652 lafa heektaara 28 irratti dhaabbatee misoomaa jiraachuu himaniiru.
Muuxannoon kilaastara Avokaadoo aanaa Barbaree aanaalee godinichaa biroo keessatti babal’isuuf kan hojjatan ta’uu Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii himuu OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.