Fana: At a Speed of Life!

Baankichi baatiiwwan ja’an darbanitti Birrii biiliyoona 13 buufachuu ibse

Finfinnee, Amajjii 25, 2015 (FBC)-Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa baatiiwwaan jahan darbanitti Birrii biiliyoona 13 buufachuu beeksise.

Raawwii baatiiwwan ja’an darbanii baankichaa ilaalchisuun Pireezidaantiin Baankichaa Obbo Abbee Saanoo ibsa miidiyaaleef kennaniin qabeenyi waliigalaa bankichaas Birrii tiiriliyoona 1.2 qaqqaabeera.

Baatiiwwaan ja’an darban baankichi dameewwaan haaraa 55 banuu isaa eeruun, dameewwaan waliigalaa baankichaa kuma 1 fi 879 ga’uu ibsaniiru.

Walakkaa waggaatti filmaatawwan tajaajila baankii dijitaalaan bittaa fi gurgurtaan Birrii miiliyoona 365.6 kan gaggeeffame fi Birrii tiriiliyoona 1.3 ammoo sochoosuun akka danda’ame dubbataniiru.

Kunisa sochii mallaqaa baankichaan gaggeeffame isa olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Kanamalees Birrii biiliyoona 978.8 qusaatamuu fi waliigalaan qusannaan baankichaa Birrii biiliyoona 88.7 ga’uun ibsameera.

Meeroon Mulugeetaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.