Fana: At a Speed of Life!

Baankichi gatii dadhabbii eeruu seeraan alummaa daddabarsa maallaqaa akka kaffalu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa hawaasa eeruu seeraan alummaa daddabarsa maallaqaa kenneef qajeelfama gatii dadhabbii kaffaluuf dandeessisu ifoomse.

Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf murteewwan garaagaraa fudhate ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dassee murtoowwan fudhataman irratti ibsa kennaniin, maallaqaa seeran alaa daddabarsuun yookaan namoonni hojii tajaajila Hawaalaarratti bobba’an 391 lakkoofsii herrega baankii isaanii cufamuun ibsameera.

Hoggantootaa fi hojjettoota baankii dhimmicha keessaatti qooda fudhatan addaa baasuun tarkaanfiin kan irratti fudhatamuu ta’uu eeranii, hawaasa eeruu seeraan alummaa daddabarsa maallaqaa kennaniif beenyaa kaffaluuf qajeelfamni kaffaltii qophaa’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan namootaa hamma Maallaqaa baankiidhaan eeyyamameen ol qabatan kanneen eeraniif %15 maallaqichaa, daddabarsa seeraan alaa maallaqaa biyyaa alaa kanneen eeran %15, tajaajilaa hawaalaa seeraan alaaf Birri kuma 25, kontirobaandii Warqeef gatii Warqichaa %15, maxxansaa maallaqaa noottii sobaa kanneen eeraniif Birrii kuma 20 hanga kuma 200 kan kaffalamuu ta’uu beeksisaniiru.

Namoonni ‘Firaankoo Vaaluutaan’ meeshaalee biyya alaa fichisiisuun hamma Doolaara biyya alaatii qabanii Baankii Biyyaalessaaf beeksisuun dirqama jedhaniiru.

Kunis biyya keessaa Gabaa Gurraachaan maallaqa bituun meeshalee alaa fichisiisaa jiraachuun beekamuu ibsan.

Dabalataan Doolaaran akaakuu shaqaxoota muraasaa biyya alaarraa galaniirratti dhorkiin kaa’amuuf ta’uu ibsameera.

Akaakuun meeshaalee dhorkamaniis fuulduratti Koomishinii Gumurukaan kan ifoomu ta’as jedhameera.

Tigisti Abrahaamtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.