Fana: At a Speed of Life!

Baankichi gurgurtaa tikkeettii Xiyyaaraa elektirooniksiin eegale

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa gurgurtaa tikkeettii Xiyyaaraa elektirooniksiin eegaluu beeksiseera.
 
Baankiin Daldala Ityoophiyaa, dhaabbata Soolgeet Traaviil Jedhamu waliin ta’uun, gurgurtaa tikkeettii Xiyyaaraa Elektironiksiin Jalqabuu isaa beeksiseera.
 
Baankiin daldala Ityoophiyaa wagggoottan 78’n darbanitti, tajaajilawwan baankii ammayyawaa gara biyyaattii galchuun, hojii seenaa qabeessa hojjachaa turuutu ibsame.
 
Tajaajila baankii guutuu biyyattiitti daraan babal’isuun, aadaan qusannaa hawaasaa akka dagaagu gochuu fi hirmaannaa guddina diinagdee biyyattii keessatti qabu itti fufuu isaa eerrameera.
 
Waggoota 13 dura baankiichi damee 200 hin caalleen tajaajila kennaa kan ture, yeroo ammaa dameewwan kuma 1fi 600n tajaajila laataa jira.
 
Maamiltoota teeknooloojii ammayyatti fayyadamu miiliyoona 25 horateera.
 
Baankiin daldala Ityoophiyaa dhaabbilee adda addaa waliin hidhata uumuun tajaajila kaffaltii elektirooniksii kennaa jiraachuus ibsameera.
 
Guyyaa har’aas dhaabbata Soolgeet Traaviil waliin ta’uun kaffaltii tikkeetti Xiyyaaraa saffisaan raawwachuuf walii galeera.
 
Tajaajilli kunis gama CBE Birrii fi bakka buutootaan kan laatamu ta’uu eerrameera.
 
Yeroo dhiyootti tajaajilichi moobaayil baankingii fi intarneetiinis kan kennamu ta’uu ragaan fuula baankichaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.