Fana: At a Speed of Life!

Baankichi misooma proojektii daandii Gaanfa Afrikaaf liqaa doolaara miiliyoona 217 raggaasise

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Boordiin daayreektaroota Baankii Misomaa Afrikaa biyyoota naannoo Gaanfa Afrikaatti argamaniif misooma ijaarsa daandiin wal qunnamsiisuuf liqaa doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 2 miiliyoona 17 raggaasisuu beeksiseera.

Ijaarsi daandichaa kan raawwatuu Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti yoo ta’uu, jiraattoonni naannichatti argamaan waliigala fayyadamoo akka taasisuu ibsameera.

Liqicharra doolaarri miiliyoonni 75 faandii misoomaa baankichaarra kan mijeeffamee yoo ta’u, dhalarraa bilisaa fi hafteen isaa doolaaraa Ameerikaa miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 42 ammoo dhala baankichaarra kan yaadamuu ta’u beekameera.

Ijaarsi proojekticha mootummaa Ityoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan, Ertiraa fi Jibuutiin kan hordofamuu yoo ta’u, Baankii Misoomaa Afrikaa, Baankii Addunyaa fi Gamtaa Awrooppaatiin kan deeggaramuudha jedhameera.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.