Fana: At a Speed of Life!

Baankichi tajaajila kaardii malee maashina ATM irraa maallaqa baafachuun danda’amu eegale

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa tajaajila kaardii malee maashina ATM irraa maallaqa baafachuun danda’amu eegaluu beeksiise.
Baankichi hojmaata maamiltoonni herreega CBE isaanirraa kaardii malee maashina ATM irraa maallaqa baafachuun akkaataa itti danda’amu hojirra oolchuu ibseera.
Tajaajila kanaan maamltoonni Herreega isaaniirraa namni dhuunfaan barbaadaan kaardii ATM malee maallaqa akka baafatu taasiisuu ni danda’u jedhame.
Haala itti fayyadama tajaajilichaa fuula dhaabbatichaarraa ilaaluun kan danda’amu ta’uu ragaan Fuula Miidiyaa hawaasummaa baankichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.