Fana: At a Speed of Life!

Baankichi tumsaa misooma keenyaa ta’ee itti fufuu isaa nuuf mirkaneesseera-Aadde Mufaariyaat Kaamiil

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Baankiin Misooma Afrikaa dameewwan deeggarsa faayinaansii fi walta’iinsa biroorratti tumsaa misoomaa keenyaa ta’u mirkaneesseera jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil.

Aadde Mufaariyaat, Gaanfa Afriikaatti Itaanaa Daayrektara Baankii Misooma Afrikaa Dooktar Abdul Kaamaara waliin mari’ataniiru.

Baankichii fi manni hojiichaa dhimmoota walta’iisaan hojjechuu isaan dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Baankiin Misoma Afrikaas, misooma ogummaa, dargaggootaaf carraa hojii uumuu, deeggarsa faayinaansii fi waliin gahiinsa isaan akkasumas, dameewwaan walta’iinsaa biroorratti tumsaa misoomaa ta’uun itti fufuu isaa kan mirkaneessedha jechuun toora feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.