Fana: At a Speed of Life!

Baankichii bittaa fi gurgurtaa Birrii tiriiliyoona 2.2 raawwachuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa tajaajila ‘Dijitaal Baankiingiin’ bittaa fi gurgurtaa Birrii tiriiliyoona 2.2 raawwachuu beeksise.

Daddabarsi maallaqa kunis sirna diriirfameen baatiiwwan saglan darban kan raawwatame ta’uu Pireezidaantiin baankichaa Obbo Abbee Saanoo eeraniiru.

Obbo Abbeen sadarkaa Idil Addunyatti tajaajilli waraqaaraa bilisaa fi diinagdeen dijitaalaa ijaaramaa jiraachuu kaasuun, Ityoophiyaanis sirnichatti makamaa jirti jechuu TOI gabaaseera.

Sirni bittaa fi gurgurtaa dijitaalaa daddabarsa maallaqaa salphaatti galmeessuuf, bulchuuf, deebisanii ilaaluu fi mirkaneessuuf akkasumas odeeffannoo xiinxaluun murtee kennuuf mijataa ta’uu hubachiisaniiru.

Baankichis Mobaayil Baankiingii, Interneet Baankiingii, Moobaayil Waaletii, ATM, Poos Maashinii fi tajaajila ‘Dijital Baankiingii’ biroo hojiirra oolchuun ijaarsa diinagdee dijitaalaa tumsaa jira jedhan.

Qabeenyi waliigalaa Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Birri tiriiliyoona 1.2 ga’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.