Fana: At a Speed of Life!

Baankii Dhiigaa Shaashamannee hanga ammaatti dhiiga yuuniitii 4800 ol walitti qabuun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2014 (FBC) – Baankiin Dhiigaa Shaashamannee hanga ammaatti dhiiga yuuniitii 4800 ol walitti qabuun eerameera.

Baankiin Dhiigaa Shaashamannee sagantaa galateeffannaa arjoomtota gaggeesseera.

Sirna galateeffannaa kanarratti Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaa, wiirtuuleen arjooma dhiigaa Naannoo Oromiyaa keessaa jiran bu’aa barbaadamu akka argamsiisaniif deeggarsa taasifna jedhan.

Hoji Gaggeessituun Baankiin Dhiigaa Shaashamannee Aadde Samiiraa Umar akka jedhanitti, Bara 2014 dhiiga Yuuniitii 5000 walitti qabuuf karoorfameen hanga har’aatti dhiiga yuunitii kuma 4 fi 870 walitti qabamuu himaniiru.

Yeroo 19’f dhiiga kan arjooman Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Shaashamannee Obbo Ibraahiim Kadiir, dhiiga lammiin ittiin baraaramu namni yoo arjoomu malee lubbuu oolchuun rakkoodha jedhan.

Dhiigaa “akka shaqaxaa suuqii bituu fi akka bishaanii lagaa waraabuun” waan hin jirreef, dhiiga lubbuu ta’e arjoomuurratti hoggansis adda durummaan akka tattaafatu dhaamaniiru.

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Qindeessaan Baankii Dhiigaa Obbo Geetuu Gabree, Baankiin Dhiigaa Shaashamannee wiirtuulee dhiheenya hundaa’an keessa tokkoo ta’us isaan buleeyyiin qixa hojjataa jira jedhaniiru.

Baankiin Dhiigaa Shaashamannee bara kana sagantaa magaalaa Jigjigaatti guyyaa Arjoomtota dhiigaa kabajame irratti wiirtuulee dhiiga walitti qabuun raabsan 17 keessaa 3ffaa ba’uun beekamtii argateera.

Sagantaa har’aarratti adda durummaan Dadammaqiinsa arjooma dhiigaa hojjechuun Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet FM Shaashamanneef beekamtiin kennameera.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.