Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa, Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 30f deeggarsa talaallii Covid – 19 taasiisuufi

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Baankiin Addunyaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 30f talaallii Covid – 19f kan oolu deeggarsa maallaqaa yeroo ariifachiisaa taasiisuuf ta’uu beeksiise.
Deeggarsi taasiifamu Ardichatti lammiilee weeraa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’an baraaruuf kan ooludha jedhame.
Hanga ammaatti biyyoonni Afrikaa mursaani talaallicha lammiilee isaaniif dhiyeessaniiru.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessatti kan argamu gamtaan ‘Koovaaksi’ torbee darbee eegalee biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti talaallicha dhiyaasaa jira jedhame.
Dubbii Himaan Baankichaa deeggarsi maallaqaa taasiifamuu beeksiisaniiru.
Maallaqichi dhala gadi aanaan yeroo dheeraa keessatti kan deebi’u ta’uu ibsaniiru.
Ardii Afrikaatti erga vaayrasiin koroonaa muul’atee hanga ammaatti namoota miiliyoona 3 fi kuma dhibba 9 fi kuma 45 ol vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 4 lubbuu dhabaniiru.
Weerarri marsaa 2ffaan babal’achaa jiraachuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.