Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa qonna Ityoophiyaa tumsuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 80 raggaasise

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Baankiin Addunyaa misooma qonnaa Ityoophiyaa tumsuuf deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 80 raggaasise.
 
Dhaabbatichi akka beeksisetti qorannaa bara Faranjootaa darbee waggoottan kurnan darbanirratti gaggeeffameen Ityoophiyaatti hiyyummaa hir’isuuf dameen qonnaa ga’ee olaanaa qaba.
 
Haaluma kanaanis damee qonnaa tumsuu fi oomishtummaa dabaluuf boordiin hoji raawwachiistuu Baankii Addunyaa maallaqa tumsa Waldaa Misooma Idil Addunyaa Doolara Ameerikaa miiliyoona 80 raggaasiseera.
 
Deeggarsichi oomishtummaa dabaluu fi qonnaan bultoota lafa xiqqaarratti oomishaniif gabaa mijeessuuf kan ooludha.
 
Ityoophiyaatti qonni oomisha %45 qabachuudhan humna namaa %80tti siiqu sochoosa.
 
Kana deeggaruudhan hiyyummaa hir’isuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi Sudaanitti daayreektarri baankichaa Oosmaan Diyoon beeksisaniiru.
 
Deeggarsichi oomisha qonnaa aanaalee naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Kibba, Tigraay, Beenishaanguul Guumz, Gaambeellaa, Hararii fi magaalaa Dirree Dawaa keessatti argaman 167 tumsuuf oola.
 
Kanaanis qonnaan bultoonni miiliyoona 1.6 ta’an fayyadamoo ta’u.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.