Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa talaalli Covid -19 biyyoota guddataa jiraniif kan oolu Doolaara biiliyoona 12 raggaasise

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Baankiin Addunyaa talaalli Covid -19 biyyoota guddataa jiraniif kan oolu Doolaara biiliyoona 12 raggaasisuu ibsame.
 
Deeggarsichi wayita talaalliin Covid -19 qophaa’e bittaa, qorannoo fi hordoffii weerara vaayrasii koroonaa lammiileef kan oolu ta’uu ibsameera.
 
Deeggarsi amma ifoome kun baankichi hanga bara Faranjootaa 2021tti maallaqa biyyoota guddataa jiran deeggaruuf waadaa gale Doolaara biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 60 keessaa qaama tokko ta’uu eerrameera.
 
Maallaqichi lammiileen biyyoota hiyyeeyyii keessa jiraataan talaallii Covid-19 irraa fayyadamoo akka ta’an gargaara jedhame.
 
Deeggarsi taasiifame talaallii Covid -19 karaa haqa qabeessa ta’een biyyoota hunda waliin ga’uuf kan kaayyeffame ta’uu Preezdaantiin Baankii Addunyaa Deeviid Maalpoos dubbataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.