Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash dameen Jimmaa Ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun harka qalleeyyiif deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Baankiin Awaash dameen Jimmaa Ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun harka qalleeyyii 110f deeggarsa garaagaraa taasiseera.

Baankichi namoota 110f Zayita ,Daakuu fi Ruuzii deegarsaan kenneera.

Kaantiibaan bulchiinsa Magaalaa Jimmaa obbo Najiib Abbaa Raayyaan Baankiin Awaash yeroo garaagaraatti harka qalleeyyii magaalaa Jimmaa gargaaruu hawaasaa cinaa dhaabbachaa turuu eeruun, deegarsi yeroo ammaa taasisees harka qalleeyyiif bu’aa guddaa qabaachuu dubbataniiru.

Alidaan Mahaammaditu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.