Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaata Birrii miiliyoona 45tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Baankiin Awaash lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaata Birrii miiliyoona 45tti tilmaamamu taasiseera.

Baankichi naannoo Oromiyaatti lammiilee godina Booranaa, Gujii fi Baaleetti hongeen miidhamaniif deeggarsicha laateera.

Walitti qabaan boordii daayreektaroota Baankii Awaash Ambaasaaddar Dibaabaa Abdataa, baankichi lammiilee deegggarsi barbaachisuu deeggaruun itti gaafatamummaa hawaasummaati jedhaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan  Komishanarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa obbo Musxafaa Kadir sababa hongeetiin lammiileen miiliyoonni 3.2 ta’aan deeggarsaaf saaxilamuu ibsaniiru.

Naannichatti hongee muudate furuuf mootummaan tattaaffii taasisaa jiraachuu himaniiru.

Rakkichi hammaachuun deeggarsi gama mootummaatin taasifamaa jiru ga’aa waan hin taaneef dhaabbileen tumsa taasisuu qabu jedhaniiru.

Deeggarsi baankiichi taasiseefi galateeffataniiru.

Qiddisti Abaataatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.