Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Biyyaalessaa dhorkama Liqaarratti kaa’e fooyya’iinsa taasiise

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC) – Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa dhorkama Liqaarratti kaa’een walqabatee fooyya’iinsa taasiisuu beeksiise.
Fooyya’iinsa taasiifameen Baankileen gosa liqaa 5 eeyyamuu kan danda’an ta’uu ibsameera.
Haaluma kanaan:-
Baankileen qabeenya liqaa kennaan deeffachuuf caalbaasii ifaa ba’een bitachuuf kan liqaa gaafataniif, bittaa fi gurgurtaa qaama 2ffaa fi 3ffaa gidduutti taasiifamuuf, liqaa ariifachiisaa hojjettoota baankiif laatamu, bittaa fi ijaarsa mana jireenyaaf hojjettoota dhaabbilee haalduraa barbaachisu guutuun gaaffii liqaa gaafatanii fi oomishtoota Saliixii naannoo Goondaritti argamaniif liqaan eeyyamamuu ibsameera.
Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa gosoota liqaa olitti tarreeffamanirratti Baankileen liqaa laachuu akka danda’an eeyyamuu ragaan Baankii Daldalaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.