Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa qajeelfama sirna kaffaltii haaraa baase

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa qajeelfama sirna kaffaltii haaraa baase.
 
Baankichi akka beeksisetti sirnichi sirna kaffaltii sadarkaa olaanaan kan guddisudha.
 
Qajeelfamni kun dhiyeessitoota meeshaalee kaffaltiif eeyyamaa fi aangoo kan laatu yammuu ta’u, kaleessa Bitootessa 23,2012 eegalee hojiirra oolera.
 
Kalaqaa meeshaalee kaffaltii jajjabeessuun, tajaajila faaynaansii si’eessuu fi guddusuuf faayidaa olaanaa qabaatan itti amanameera.
 
Qajeelfamichi fedhii tajaajilamtoota meeshaalee kaffaltii kan kabachiisudha.
 
Meeshaaleen kaffaltiis to’annaa fi hordoffii barbaadu ture.
 
Dhaabbilee eeyyama qabaniin ala meeshaalee kaffaltii argachuu kan barbaadan guca Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa qopheesse guutuun eeyyama argachuu ni danda’u jedhameera.
 
Meeshaaleen kanneenis maallaqa kaffaluu fi galii taasisuu, hawwaalaa biyya keessaa dabalatee tajaajiloota addaddaa ni laatu.
 
Dhiyeessitoonni sirna kaffaltii eeyyama barreeffamaan laatameef; tajaajila isaanii bakka bu’ummaadhan laachuu ni danda’u.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.