Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldala Ityoophiyaa baatiwwan 6n darbanitti galii Birrii biiliyoona 31.8 walitti qabuu beeksiseera.

Finfinnee, Amajji 13, 2012(FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa baatiwwan 6n darbanitti galii Birrii biiliyoona 31.8 walitti qabuu beeksiseera.

Baankichi raawwii hojii baatii 6 gamaaggamaa kan jiru yoo ta’u, ji’oottaan 6 darbanitti galii Birrii biiliyoona 31 fi miiliyoona dhibba 8 walitti qabuu isaa ifoomseera.

Sharafa daldala alaa irraa doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 39.4 walitti qabuus ibsee jira.

Bara kana dameewwan tajaajila baankii dhala irraa bilisa 36 banuus ifoomseera.

Baankichi damee dhuunfaa irraa Birrii biiliyoona 34.8 walitti qabuuf karoorfatee Birrii biiliyoona 24.6 raawwachuu isaa Preezdaantii fi hojii raawwachiisaa olaanaan Baankii daldala Ityoophiyaa obbo Baacaa Giinaan ibsaniiru.

Damee kana irraa kuufama maallaqaa Birrii biiliyoona dhibba 4 fi biiliyoona 3 irraan ga’uuf karoorfatee Birrii biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 93 irra ga’uu isaa ibsaniiru.

Baankichi Walakkeessa waggaa kanatti fayyadamtoota tajaajila interneetii moobaayilaa miiliyoona 1.2 horachuu danda’uu isaas beeksiseera.

Baankiin Daldala Ityoophiyaa baatiiwwan 6n darbanitti dameewwan haaraa bane irraa qabeenya kuufamaa Birrii biiliyoona dhibba 8 fi biilyoona 59 walitti qabuu ragaan fuula baankichaarraa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.