Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldala Ityoophiyaa baatiwwan salgan darbanitti Birrii biiliyoona 13.4 bu’aa argachuu beeksiise

Finfinnee, Eebila 20, 2013 (FBC) – Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa baatiwwan salgan darbanitti Birrii biiliyoona 13.4 bu’aa argachuu beeksiseera.
Baankichi raawwii hojii baatiwwan sagalii gamaaggamaa jira.
Baankiin Daldala Ityoophiyaa baatiwwan salgan darbanitti Birrii Biiliyoona 55.8 galii argachuu Preezdaantiin baankichaa obbo Abbee Saanoon dubbataniiru.
Baankichi uwwisa isaa babal’isuun kuufama maallaqaa guddisuun maamiltoota horachuu fi maallaqa socho’aa dabaluurratti hojii hojjeteen bu’aa gaarii galmeessuu ibsaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti yeroo itti aanu teeknooloojii ammayyaa babal’isuu fi lakkoofsa dameewwanii guddisuuf cimee kan hojjetu ta’uu obbo Abbee Saanoon beeksiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.