Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldala Ityoophiyaa bara kana Birrii biiliyoona 20 bu’aa argachuu beeksiise

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa bara baajataa 2013 Birrii biiliyoona 20 bu’aa argachuu beeksiiseera.
Preezdaantiin Baankichaa obbo Abbee Saannoo raawwii bara baajatichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Baankichi qusannoo Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 40 walitti qabuu himaniiru.
Doolaara biiliyoona 2 .5 Sharafa alaa irraa argachuu eeraniiru.
Maamiltoonni baankichaa miiliyoona 31.4 ga’uu ibsa laatanii himaniiru.
Bara kana qofa namoonni haaraan miiliyoonni 6 fi kumni dhibbi 4 maamila baankichaa ta’uu eeraniiru.
Kanneen keessaa kan tajaajila Baankii dhalarraa bilisaa fayyadamanii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 2.
Galiin baankichi waliigalatti tajaajila kennurraa barana argate Birrii biiliyoona 81ga’eera jedhan.
Bu’aa qulqulluun Birrii biiliyoona 20 fi miiliyoona dhibba 3 argachuu ibsaniiru.
Kuufamni maallaqaa baankichaas Birrii biiliyoona dhibba 7fi biiliyoona 35 ga’uu dubbataniiru.
Qabeenyi waliigalaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa,Yeroo ammaa birrii Tiriiliyoona tokkotti akka siiqe, Preezdaantiin Baankiichaa obbo Abbee Saanoo himuu isaanii ragaan Baankichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.