Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldala Ityoophiyaa Bittaa Xaa’oo Biyyoof Birrii biiliyoona 50 baasii taasiise

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa Bittaa Xaa’oo Biyyoo bara oomishaa 2014/15f Birrii biiliyoona 50 baasii taasiisuu beeksiise.
Mootummaan oomishtummaa damee dabaluuf karoora bala’aa baafatee hojjetaa kan jiru yoo ta, kana dhugoomsuuf xaa’oo biyyoo dabalatee galteewwan qonnaa biroo guutuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Keessattuu sababa haala siyaasaa idil addunyaan hanqina dhiyeessii uumame furuuf hojiileen adda addaa hojjetamaa akka jiru himameera.
Karoorri damee qonnaa sababa dhiyeessii Xaa’oo biyyoon akka hin gufanne Baankiin Daldala Ityoophiyaa hojii guddaa hojjechaa jiraachuu Preezidaantiin Baankichaa obbo Abbee Saannoon dubbataniiru.
Waraanaa Raashiyaa fi Yukreeniitti uumame hordofee dhiyeessii fi gatii Xaa’oorratti rakkoo cimaan mudachuu himaniiru.
Biyyoonni xaa’oo hedduminaan oomishan biroos sababa waraana biyyoota lamaaniin oomisha isaanii gabaaf dhiyeessurratti rakkoon isaan quunnamuu ibsameera.
Waraanaan dura xaa’oon biyyoo tooniin tokko Doolaara 700’n gurguramaa ture, waraanni akkuma eegaleen gatiin isaa dachaan dabaluu eerameera.
Yeroo ammaa gatiin xaa’oo kan bara darbeen yoo madaallame dachaa afur daballii argisiisuu dubbatan.
Baankichi dameewwan baasii maallaqaa olaanaa gaafatu keessaa qdameen Qonnaan isa tokko ta’uu ibsuun, bittaan xaa’oo biyyoos qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Dhiyeessitoonni xaa’oo biyyoo 4 ta’uu eeruun, liqiidhaan gurguruu dhiisuun isaanii qormaata guddaa turuu himaniiru.
Gatiin xaa’oo biyyoo sadarkaa olaanaan dabalus, maallaqa dameewwan biroof ooluuf ture gara qonnaa naanneffamu himameera.
Xaa’oon tattaffii olaanaan biyyaa alaatii bitame biyya keessa akka seenuu taasifamuu eeruun, kanaafis Baankiin Biyyaalessaa gumaacha olaanaa ba’achuu himaniiru.
Maddi:TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.