Fana: At a Speed of Life!

Baankiin daldala Ityoophiyaa wiirtuu diijitaalaa kan jalqabaa bane

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) -Baankiin daldala Ityoophiyaa wiirtuu diijitaalaa biyyattiif kan jalqabaa ta’e guyyaa har’a baneera.

Wiirtuun diijitaalaa haaraan kun maashinoota maallaqa kaffaluu fi fudhatu (ATM) 20 ol iddoo tokko kaa’uun  maammiltoonni haala salphaan tajaajila akka argatan ni taasisa jedhame.

Wiirtichi magaala Finfinnee naannoo Maganaanya gamoo Hiddaaserratti kan baname.

Sirna baniinsa wiirtuu diijitaalaa kanaarratti Preezdaantii fi hojii raawwachiisaa olaanaan Baankii Daldala Ityoophiyaa obbo Baacaa Giinaa argamaniiru.

Baankiin Daldala Ityoophiyaa yeroo ammaa kana dameewwan kuma 1 fi 560 ta’anii fi maammiltoota miiliyoona 5 ol horachuu isaa ragaan baankicharra arganne ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.