Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa fi Koorporeeshinii Misoomaa Paarkiiwwan Indaastirii waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 19, 2015 (FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa fi Koorporeeshiniin Misoomaa Paarkiiwwan Indaastirii waloon hojjechuuf waliigalan.

Sanada waliigalteechaas Ittaanaa Pireezidaantii “Whole Sale Banking” Baankichaa Mulunaa Lammaa fi Hoji Gaggeessaa Koorporeeshinichaa Akiliiluu Taaddasaa mallatteessaniiru.

Waliigaltechis Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Naannawaa daldalaa walabaa Dirree Dhawaatti hojjechuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Naannawichatti tajaajila damee faayinaansii kennamu saffisiisuuf gahee gama isaa akka bahatu, abbootii qabeenyaa hojiilee invastimantiirratti bobba’aniif tajaajila mijataa fi si’ataa kennuuf gargaara jedhamuu ragaan Baankii Daldalaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.