Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa kaardiwwan kaffaltii duraa addaa diyaaspoorootaaf  tajaajilan qopheessuu beeksise

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa kaardiwwan kaffaltii duraa addaa diyaaspoorootaaf  tajaajilan qopheessuu beeksiseera.

Baankichi ammeenta Birrii adda addaatin kaardiwwan kaffaltii duraa addaa kan qopheessee yoo ta’u, fayyadamtoonni kunneen kaardiwwan akana fayyadamuun qixa sharafa alaatin maallaqaa kaffaluu ykn kaardiwwan idil addunyaatin daddabarsuun bitachuu akka danda’aan ni gargaraa jedhameera.

Fayyadamtoonni Kaardiwwan addaa diyaaspoorootatti fayyadaman Muddee 23 hanga Amajjii 23, 2014 karaa Paasii bittaa raawwataan keessaa %2.5 hanga %7 deebii ni argatuu jedhameera.

Baankichi kaardoota kaffaltii duraa addaa diyaaspoorootaaf qopheessee:-

  • Pilaatiniyaam (Doolaraa kuma 1 ol kan bituu fi deebii %7 kan argamsiisuu)
  • Goold (Doolaraa 200 hanga kuma 1 kan bituu fi deebii % 5 kan argamsiisuu)
  • Waaleet (Doolaraa 100 bitamee deebii %2.5 argamsiisuu) kaardota qopheessuu ragaan baankicharra argamee ni muul’dhisa.

Dunkaanni gurgurtaa kaardiiwwan kanneenii tarminaloota buufata xiiyyaaraa Ityoophiyaa fi buufatalee xiyyaaraa Finfinnee, Dassee, Gondaar, Hawaasa, Baahir Daarii fi Arbaa Mincii akkasumas Finfinnee keessaatti ammoo Paarkoota Tokkummaa, Michuuwwanii fi Inxooxxootti akkasumas dameewwan baankichaa filataman irratti ni argamuu.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.