Fana: At a Speed of Life!

Baankichi sosochii qusannaa guyyoota 45’f turu gaggeessuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014(FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa marsaa 3ffaaf mata duree “Fooyya’iinsa Boruuf Har’a haa Qusannu” jedhuun sosochii qusannaa guyyoota 45’f turu gaggeessuu eegaluu Preezdaantiin Baankii Daldala Ityoophiyaa Obbo Abbee Saanoo ibsan.

Qusannoon guddina biyyaa waligalaatiif gahee bakka bu’insa kan hin qabne ta’uu himaniiru.

Baankiin Daldala Ityoophiyaas aadaa qusannoo uummaataa guddisuuf hanga baadiyyaatti gadi bu’ee hojjechuun bu’aa qabeessa ta’aa dhufuu ibsaniiru.

Akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2014tti qusannoon biyya keessaa Birrii biiliyoona 2.5 turerraa sosochii bifa adda addaan taasifameen bara 2021tti gara Birrii Tiiriliyoona 1.1tti ol guddachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa sadarkaan qusannoo Ityoophiyaa % 22 irra kan jiru ta’uu fi kan biyyoota biroo waliin yeroo walbira qabamu gadi aanaa ta’uu kaasaniiru.

Dabalataanis galii fi oomishitummaa biyyaa keessaa guddachaa deemu waliin yeroo madaalamu gadi aanaa ta’uu ibsaniiru.

Sosochiin marsaa 3ffaa guyyoota 45 turuu kun barattoota, dargaggootaa fi qonnaan bultootarratti xiyyeefachuun uummata biyyattii kan  hirmaachisuu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Baankicharraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.