Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Gadaa Adooleessa 29, 2013 hundeeffama jedhame

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )- Baankiin Gadaa Adooleessa 29, 2013 akka hundeeffamu Boordiin baankichaa ibseera.

Baankiin Gadaa mineensoota aksiyoonaa baankicha ta’aan namoota kuma 27 horachuu ibsameera.

Boordichi har’a ibsa miidiyaaleef laateen hundeeffamni baankichaa Adooleessa 29, 2013 Magaalaa Finfinnee hoteela Iskaay laaytittii akka gaggeeffamuu himeera.

Baankiin Gadaa ulaagalee irraa barbaachisuu guutachuun baankii biyyooleessa Ityoophiyaarraa eyyamaa argachunis himamera.

Baankiin Gadaa hanaga ammatti mallaqaa kaffalamee qarshii miiliyona dhibba 5 fi miiliyoona 50 fi qarshii biiliyoona 1.3 ammoo waadaa galameeraa.

Jalqabiin baankicha qonnaan bultoota hojii misooma Gannaalee Dawoo ka’aan bu’uura kan godhate ta’uus, yeroo hamma miseensoota hedduu horateera.

Hundeeffama baankichaarrattis Abbooti Gadaa, hoggontoonni mootummaa federaalaa fi Abbotti aksiyoonaa 500n kan hirmaatan ta,uu boordiin baankicha beeksisera

Baankichi akkuma eyyamaa daldalaa Ministeera daldalaa fi indaastirii irra argaten damee isaa kutaalee biyyatti hundatri kan banuu ni ta’aas jedhameera

Gammachuu Beekumatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.