Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Maamiltoota baatiiwwan 9f walitti aansuun qusataniif carraa badhaasaa marsaa 1ffaa gaggeesse

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa sirna carraa baasuu badhaafamtoota sagantaa Qusannaa badhaasuun jajjabeeffamu marsaa 1ffaa gaggeesseera.

Namoonni Birrii 350 irraa jalqabuun baankichatti baatii sagaliif qusachaa turan carraa kana keessa kana hammataman ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Dassaalenyi Taaddasee himaniiru.

Carraa 1ffaan appaartaamaan abbaa kutaa ciisicha lamaa, wiirtuu Finfinneetti argamu 1,Carraa 2ffaan konkolaataan awutoomoobilii Suuzukii Dizayaayeer moodela 2021 kan ta’e 1,Carraa 3ffaa konkolaataan abbaa miila sadii 2
Carraa 4ffaa TVn abbaan inchii 32 baayina 30,Carraa 5ffaa bilbila moobayilii ismaartii 65 badhaasaaf qophaa’uu eerameera.

Haaluma kanaan Lakkoofsi 6563481 carraa 1ffaa,lakkoofsi carraa 3369283 carraa 2ffaa,lakkoofsi 2228609 fi 2643714 ammoo caarraa 3ffaa ta’uun ba’aniiru jedhame.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.