Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa abbootii kalaqaa haaraa deeggaruuf Birrii biiliyoona 4 ramaduu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015(FBC)- Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa abbootii kalaqaa haaraa deeggaruuf Birrii biiliyoona 4 ramaduu ibseera.

Baankichi abbootii kalaqaa haaraa deeggaruufi Birrii biiliyoona 4 ramaduufi hojii uumtonni deeggarsa barbaadan bal’inaan argamnaan hangi isaa dabaluu akka danda’u Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaalewu ibsaniiru.

Hanga ammaatti yaadota kalaqaa damee qonnaarratti dhiyaatan irratti qorannoo bu’aa qabeessummaa gaggeessuun karoora daldalaa akka dhiyeessan gaafatamuu ibsaniiru.

Baankichi hojii uumtota deeggaruuf hojii uumaa yaada haaraa qabatee dhufu yaadichi kan isaa ta’uu erga mirkaneeffameen booda bu’aa qabeessummaa yaadichaa qorachuuniifi baasii isaa haguuguun gara hojiitti akka jijjiiramuuf deeggarsa kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Dargaggoonni hojii uumtonni gamasaaniin, dhaabbileen faayinaansii yaadota kalaqa hojii haaraa biyya fayyadan dhugoomsuuf deeggarsa gahaa taasisuu qabu jedhan.

Yaadota rakkoolee biyyaafi hawaasa bu’uureffachuun yaada furmaataa qabatanii dhufaniif xiyyeeffannoo gahaan kennamuufi akka qabu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.